{"id":35,"date":"2023-10-30T07:57:57","date_gmt":"2023-10-30T07:57:57","guid":{"rendered":"http:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/?page_id=35"},"modified":"2023-10-31T07:01:05","modified_gmt":"2023-10-31T07:01:05","slug":"the-dictionary","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/the-dictionary\/","title":{"rendered":"The Dictionary"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Galmee jechootaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Galmeen jechootaa kun galmee jechoota Afaan Mallattoo <em>Itoophiyaa<\/em> amma dura jiran caalaa fooyya\u2019aa ta\u2019e bal\u2019inan kan qopha\u2019e yoo ta\u2019u, galmee jechootaa dijiitaalaa jalqabaa barattoota, jaallattoota afaanii fi aadaa, hiiktoota, barattoota manaa keessatti dubbisan, Maatii fi ogeessotni akka baratan fi baafata yookiin akka wabiitti akka fayyadamaniif mijataa ta\u2019e kan qophaa\u2019ee dha. Galmee jechootaa kana kan adda taasiisu miseensonni garee qorannoo fi viidiyoo ijoo hundi gurri isaanii kan hin dhageenye ta\u2019uu isaaniitin ala; Gareewwan kunneen kan hoogganamu ogeessa afaanii gurri isaa hin dhageenye <em>Itoophiyaa<\/em> keessaa isa jalqabaa waan ta\u2019efi dha. Gareen qorannoo kun biyyattii keessatti bakkeewwan digdamii tokko keessa deemuun namoota gurri isaanii hin dhageenye 75 ol ta\u2019an kanneen Afaan Mallattoo <em>Itoophiyaa<\/em> fayyadaman irraa odeeffannoo walitti qabuun isaanii ni yaadatama. Baay\u2019inniisaanii namoota gurri isaanii hin dhageenyee fi erga dhalatanii kaasee afaan mallattoo kan fayyadamaa turanii dha. Mallattoolee kunneen osoo maxxanfamuuf hin qophaa\u2019iin dura adeemsa qorannoo yookiin sakatta\u2019iinsaa fi mirkaneessaa adda addaa keessa akka darban taasifameera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Hubachiisa Fayyadamtootaaf<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaanonni mallattoo \u201cAfaan dhugaa miti\u2019\u2019 kan jedhu yaada bartee dogoggoraa faallaa ta\u2019een, afaan mallattoo akkuma afaan dubbatamu yookiin haasa\u2019amu kamiyyuu kan guddatan fi walxaxoo ta\u2019ani dha. Ogeeyyiin afaanii afaanota mallattoo hunda irratti qorannoo kan gaggeessan yoo ta\u02bcu, afaanota mallattoo keessatti wantoota bu\u02bcuuraa afaanota hunda keessatti argaman argachuu danda\u02bcaniiru. Kun Afaan Mallattoo Itoophiyaa keessattis dhugoome jira. Namni tokko akkuma jechoota qofa walitti qabuun (sasabuun) afaanicha guutummaatti barachuu akka hin dandeenye, mallattoolee qofa walitti qabuun afaan mallattoo barachuun hin danda\u2019amu. Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa barachuun Afaan mallattoo Itoophiyaa barachuu wajjin walqixa jechuun hin danda\u2019amu. Afaan Mallattoo Itoophiyaa barachuun mallattoolee barachuu irra kan caaluu dhai. Mallattooleen afaanichaaf galtee ijooti. Qabxiilee armaan gadiif hubannoon cimaa kennuun barbaachiisa dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Hiika akkaataa galumsa jechaa<\/strong>: Mallattoolee Afaan Mallattoo <em>Itoophiyaa<\/em> murtaa\u2019an galmee jechootaa keessatti argaman haalawwan adda addaa fi\/ykn hima adda addaa keessatti hiika tokko qabaachuu dhiisuu ni danda\u2019u. Hiikni jecha ykn gaalee tokkoo hima ykn haala dubbii irratti hundaa\u2019uun garaagarummaa qabaachuu ni danda\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Seerluga<\/strong>: Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa keessatti argaman tokko tokko, keessattuu gochoonni galmee jechootaa keessatti argaman &#8220;bu&#8217;uuraalee&#8221; dha. Baay\u2019een isaanii hima Afaan Mallattoo Itoophiyaa keessatti jijjiirama caaslugaa fiduu ni danda\u2019u. Mallattoo agarsiisuu (Haasa\u2019uu): Amaloota mallattoo sanaa keessaa tokko irratti boca harkaa taasifamu,sochii, Akkaata teessoo ejjennoo harkaa, kallattii, fi mallattoolee biroo harkaan ala ta\u2019an (fkn ibsa fuula)) jijjiirama hiika ykn hiika dogoggoraa fiduu ni danda\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Garaagarummaawwan<\/strong>: Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa tokko tokko garaagarummaa naannoo (fi dhalootaa) qabaachuu ni danda\u2019u. Garaagarummaa waliigalaa muraasa hamma danda\u2019ametti hammachuudhaaf yaaliin taasifameera. Haa ta\u2019u malee, garaagarummaa naannoo adda addaa keessa jiran baruuf hawaasa naannoo sanaa qunnamuu isin barbaachisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Quba: Jechi tokko afaan tokko keessa yoo hin jiru ta\u2019e jechi tokko afaan biraa irraa ni liqeeffama. Afaan mallattoo keessatti qubeewwan sochii qubaatiin uumaman jechoota afaan dubbatamu\/barreeffame bakka bu\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Afaan mallattoo <em>Itoophiyaa<\/em> yeroo kamiyyuu caalaa fooyya\u2019insa kan qabuu fi akkuma afaan dubbatamu kamiiyyuu itti fufiinsaan guddachuu kan danda\u2019u dha. Afaan Mallattoo <em>Itoophiyaa<\/em> karaa sirrii ta\u2019een itti fayyadamuuf karaan fooyyaa\u2019aan namoota gurri isaanii hin dhageenye fayyadamtoota Afaan Mallattoo <em>Itoophiyaa<\/em> guyyaa guyyaan waliin wal qunnamuu fi haasa\u2019uu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Galmee jechootaa Galmeen jechootaa kun galmee jechoota Afaan Mallattoo Itoophiyaa amma dura jiran caalaa fooyya\u2019aa ta\u2019e bal\u2019inan kan qopha\u2019e yoo ta\u2019u, galmee jechootaa dijiitaalaa jalqabaa barattoota, jaallattoota afaanii fi aadaa, hiiktoota, barattoota manaa keessatti dubbisan, <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/the-dictionary\/\" title=\"The Dictionary\">[&#8230;]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":3,"featured_media":0,"parent":0,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":{"footnotes":""},"class_list":["post-35","page","type-page","status-publish"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/35","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=35"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/35\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":73,"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/35\/revisions\/73"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ethsl.aau.edu.et\/orm\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=35"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}