Galmee jechootaa

Galmeen jechootaa kun galmee jechoota Afaan Mallattoo Itoophiyaa amma dura jiran caalaa fooyya’aa ta’e bal’inan kan qopha’e yoo ta’u, galmee jechootaa dijiitaalaa jalqabaa barattoota, jaallattoota afaanii fi aadaa, hiiktoota, barattoota manaa keessatti dubbisan, Maatii fi ogeessotni akka baratan fi baafata yookiin akka wabiitti akka fayyadamaniif mijataa ta’e kan qophaa’ee dha. Galmee jechootaa kana kan adda taasiisu miseensonni garee qorannoo fi viidiyoo ijoo hundi gurri isaanii kan hin dhageenye ta’uu isaaniitin ala; Gareewwan kunneen kan hoogganamu ogeessa afaanii gurri isaa hin dhageenye Itoophiyaa keessaa isa jalqabaa waan ta’efi dha. Gareen qorannoo kun biyyattii keessatti bakkeewwan digdamii tokko keessa deemuun namoota gurri isaanii hin dhageenye 75 ol ta’an kanneen Afaan Mallattoo Itoophiyaa fayyadaman irraa odeeffannoo walitti qabuun isaanii ni yaadatama. Baay’inniisaanii namoota gurri isaanii hin dhageenyee fi erga dhalatanii kaasee afaan mallattoo kan fayyadamaa turanii dha. Mallattoolee kunneen osoo maxxanfamuuf hin qophaa’iin dura adeemsa qorannoo yookiin sakatta’iinsaa fi mirkaneessaa adda addaa keessa akka darban taasifameera.

Hubachiisa Fayyadamtootaaf

Afaanonni mallattoo “Afaan dhugaa miti’’ kan jedhu yaada bartee dogoggoraa faallaa ta’een, afaan mallattoo akkuma afaan dubbatamu yookiin haasa’amu kamiyyuu kan guddatan fi walxaxoo ta’ani dha. Ogeeyyiin afaanii afaanota mallattoo hunda irratti qorannoo kan gaggeessan yoo taʼu, afaanota mallattoo keessatti wantoota buʼuuraa afaanota hunda keessatti argaman argachuu dandaʼaniiru. Kun Afaan Mallattoo Itoophiyaa keessattis dhugoome jira. Namni tokko akkuma jechoota qofa walitti qabuun (sasabuun) afaanicha guutummaatti barachuu akka hin dandeenye, mallattoolee qofa walitti qabuun afaan mallattoo barachuun hin danda’amu. Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa barachuun Afaan mallattoo Itoophiyaa barachuu wajjin walqixa jechuun hin danda’amu. Afaan Mallattoo Itoophiyaa barachuun mallattoolee barachuu irra kan caaluu dhai. Mallattooleen afaanichaaf galtee ijooti. Qabxiilee armaan gadiif hubannoon cimaa kennuun barbaachiisa dha.

Hiika akkaataa galumsa jechaa: Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa murtaa’an galmee jechootaa keessatti argaman haalawwan adda addaa fi/ykn hima adda addaa keessatti hiika tokko qabaachuu dhiisuu ni danda’u. Hiikni jecha ykn gaalee tokkoo hima ykn haala dubbii irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu ni danda’a.

Seerluga: Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa keessatti argaman tokko tokko, keessattuu gochoonni galmee jechootaa keessatti argaman “bu’uuraalee” dha. Baay’een isaanii hima Afaan Mallattoo Itoophiyaa keessatti jijjiirama caaslugaa fiduu ni danda’u. Mallattoo agarsiisuu (Haasa’uu): Amaloota mallattoo sanaa keessaa tokko irratti boca harkaa taasifamu,sochii, Akkaata teessoo ejjennoo harkaa, kallattii, fi mallattoolee biroo harkaan ala ta’an (fkn ibsa fuula)) jijjiirama hiika ykn hiika dogoggoraa fiduu ni danda’u.

Garaagarummaawwan: Mallattoolee Afaan Mallattoo Itoophiyaa tokko tokko garaagarummaa naannoo (fi dhalootaa) qabaachuu ni danda’u. Garaagarummaa waliigalaa muraasa hamma danda’ametti hammachuudhaaf yaaliin taasifameera. Haa ta’u malee, garaagarummaa naannoo adda addaa keessa jiran baruuf hawaasa naannoo sanaa qunnamuu isin barbaachisa.

Quba: Jechi tokko afaan tokko keessa yoo hin jiru ta’e jechi tokko afaan biraa irraa ni liqeeffama. Afaan mallattoo keessatti qubeewwan sochii qubaatiin uumaman jechoota afaan dubbatamu/barreeffame bakka bu’u.

Afaan mallattoo Itoophiyaa yeroo kamiyyuu caalaa fooyya’insa kan qabuu fi akkuma afaan dubbatamu kamiiyyuu itti fufiinsaan guddachuu kan danda’u dha. Afaan Mallattoo Itoophiyaa karaa sirrii ta’een itti fayyadamuuf karaan fooyyaa’aan namoota gurri isaanii hin dhageenye fayyadamtoota Afaan Mallattoo Itoophiyaa guyyaa guyyaan waliin wal qunnamuu fi haasa’uu dha.